Gooftaan dubbii galagalcheera
Diinna kootti dalga galeeraa
Haaresseraa seenaa koo tolcheera
Harkaa dhahee kan diinaa karoora
Lafa lixaa isaan dhabsiiseeraa
Anis galaata dhiyyeesseraa

Kamin jedhee kamin dhiisaa
gaarumma ati naaf qabduu ×4
Walitti qabeen galata siif galchaa
Situ gab narra godhee buubbichaa
Yoom ana nyaateree galaanni
Oolchaa koo sif haata’uu galannii

Maal qabaree yoon shuubbisee
Weedduu haaraa yoon weeddisee
Gaarummansaa narraa darbaa
Galatasaa nan lallabaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *