Jechan dhaba Yesuusif ittiin kanan si jajadhu
Anarra darba kee kuni nan dhabe waanan dubbadhu
Galata kan koo fudhadhu
Oolmaa gurguddaa isaa anarraa qabda ati
Madaalliima dhaabee tokko lama mitii
Kamiin gatii baaseeniree kan dhiisa lafatti
Galatan siif kenna malee walumaa galatti

Gatii narraa qabda oolmaa isa kaleessaa
Kan ati barbaaddee ana fidde eessaa
Mi’eesitee taanoo arge jireenya hadhaa’ee
Inni kun immoo ragaadha ana irratti ta’e

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *