Seenaan kee mudaa hin qabu
Dheeraa dheeraadha wa’een kee
Eessaa kaasee essaa jalqabu
Madaalli dhabe gochaan kee

Kan akka keeti hin argadhu kophaadha kan kee
Sirriittan argee si beeka an eenyummaa kee
Barbaadee dhabe ilaalee kan akka keeti
Jallatamaa koo galanni ulfinni kan keeti

Galata lakkuu lakkuu nan jedha hin qabu mukuu
Na tutuqaam tolli kee bira hin darbamu kan kee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *