Yaa waaqayyoo×2
Abbaa ilma afuura qulqulluu
Si dhaga’uun barbaada si dhaga’uu ×2
Sif abboomamuun barbaada abboomamuu ×2
Siif jiraachuun barbaada yaadakee tajaajiluu

Anarratti haata’u fedhii kee
Naa argatuu afuurrii kee
Guutummaa guutuutti naa haa dhuunfatuu humnikee
Lafa argamakee
Iddoo buufatakee
Jiraachuun namatti tolaa.raawachaa fedhakee

Namni akka gorsaa jallootaatti hin deddeebinee
Namoota sobduu wajjiin tarree kan hin teenye.
Dubbii keerraa gara bitaaf mirgaatti hin jennee
Akka fedha keetti jiraachuun kan isa hin nuffisiifne

Innoo gammachuu qabaa
Si wajjin boqotee oolee bulaa
Ijaa argamsiisaa keessaf alaan

Qilleensa isa asif achi qilleensa’u
Biyya lafaa yaadasaa hin dhaga’uu
Isa kufaatif dadhabbii natti lallabuu
Lakkii gonkumaa si achoo quba hin qabu
Anoo kan keetti yaaduma keetu narratti raawwataa
Si wajjin jiraachuu si jajachuun duwwaa nagaa naaf laataa

Kan narraa bareeddu abboomamuudha
Kan narraa bareeddu si dhaga’uudha
Kan narraa bareedduu qulqullummaadha
Kan narraa bareeddu sif jiraachuudha

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *