Jabinaa mataa keetti hirkattee
mootee kan jiraattu baraan iftee x2
Kan turtee kan jirtuuf jiraattu
Waaqadha ati hoomtuu sin fakkaatu x2

Samiin teessookee lafti ejjennookee
Maaliin tilmaamama guddinnikee
Gooftaa uumamaa bulchaa hunduumaa
Ogummaankee enyuun shallagama

Waaqakoo ati guddaadha
Waaqakoo ati jabaadha
Waaqakoo ati beekadha

Enyummaakeef duuwwa
Utuun hin barbaadin sababa biraa
Garaakoo guutuu sin waaqeffadha
Ati waaqayyodha x2

Ati Waaqayyoodha (2x)
Ati qulqulluudha / Atti hin qabdu mudaa

Jalqaaba waan hundaa Waaqayyo guddaa
Uumaa waan hundaa Waaqayyo guddaa x2

Waaqayyo guddaa (4x)
Waaqayyo beekaa (4x)

Ati guddaadha guddaa gararra
Jaabinnikee kan baraa baraa
Qobaakee gooftaa
Qobaakee mootii
Waaqayyookoo attam dinqiidha ati (3x)

Weedduu babbareedaan sin faarsa
Maqaakee kabajaanan ol kakaasa
Kan akka kee hin jiruu Waaqakoo
Dhimmee si waaqeessa garaankoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *