Ani egaa maalan jedha ree?
Ya Waaq si haa galatu malee
Kadhannaa koo naa dhageessee
Hawwii garaa koo iddoon naa geessee
Si eeggadhee takkaa hin yeellaane
Eebbii harka kee natti hin yarannee
Si haa galatu Yesus ko amma illee (4x)

Sagalee abdii keetii irra dhaabadhee
Akkuma ati jettetti si eeggadhee
Takkaa hin yeellaane, maqaa kee waammadhee
Si’iin Waaqa jiraataa amanadhee

Ani egaa…

Ija koo gara gaarotaatti ol fudhee
Gurguddoota irra gargaarsa hin arganne
Sitti deebi’ee maqaa kee waammanaan
Eebba keen guutte mana koo takkumaan

Ani egaa…

Yaada garaa koo fi hawwi koo hubattee
Hiri’ina koo hundumaa kan naa guutte
Imimmaan ija kooti irra naa haqxee
Garaa koo gammachuu keetiin quubsite

Ani egaa…

Harki koo duwwaa dhaa gatii sii kennuuf
Gochaa keen kan gitu silaa iyyuu hin jiru
Bara jireenya koo hundaatti sin waaqessa
Lubbuun koo hamma jirtutti tola keen hima

Ani egaa…

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *