Si haa galatu (2x) ya Abba koo
Si haa galatu (2x) ya Abba koo

Gooftaa galata kee maqaan kee haa ulfaatu
Deebii kadhannaa isaa saba keef kan laattu
Kan si gaafataniif deebii dhugaa laattee
Surraa fi ayyana kee saba keef baay’ifte

Si haa galatu…

Bineensonni bakkee si galateeffatu
Uumamni harka keetii ulfina sii laatu
Iddoo kee dhaabattee kan diina ifattu
Yaa arjaa garraamii maqaan kee haa ulfaatu

Si haa galatu…

Yaa Waaq Abrahaam yaa Waaq Eliyaas
Iddoodhuuma hundaatti maqaa kee ulfeessi
Qulqulluu Hafuura keen ati nu qulqulleessi
Guyyuma guyyaatti kottuu nu haaressi

Si haa galatu…

Galannu jab jeetu gta Waaqayyo Abba
Saba keef ergite irree kee isa jabaa
Diina dhidhimsitee saba kee baay’iftee
Hafuura kee dhugaa nu irratii dhangalaaftee

Si haa galatu…

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *