Misiraachoo ni gammanna ni faarfanna
Yesus nuu dhalatee kottaa ni ililchinaa
Galanni Waaqayyof waaqa irratti
Namootaaf jaalalli lafa irraatti
Fayyisaan dhalate Beeteliheemitti
Kottaa ni ililchinaa guyyaa gammachuutii
Misiraachoo…
Weedduu haaraadhaanis wal duukaa ni faarfanna
Fayyisaa arganneerra ni galateeffanna
Badiisa nu oolchuuf Yesus dhalateera
Dukkanichi badee ifni nuu ba’eera
Misiraachoo…
Waaqayyo Gooftaa dha innis nu eebbisa
Dhiphinaa nu baasee cubbuu keenya ni dhiisaa
Galataa fi gammachuun isaaf ni saganna
Dadhabbii keenyattis jabina nuu kennaa
Misiraachoo…
Gooftaa Yesusiif lubbuu keenya laanne
Biyya lafaa kana ilaaluu itti dhiifnee
Fuulduratti ni deemna mirga Abbaa taa’uuf
Homtuu illee hin danda’u booddeetti nu hambisuuf
Misiraachoo…
