Naanna’aa Galaana Galiilaatti kiyyoo koo fannisee
Otuun deddeebi’uu Gooftaan koo na waamee cubbuu koo hambise
Namni itti hin gammadne waamammuu fi fayyuu kootti
Ati garuu na hin dhiifnee ulfaadhu Yesus koo.

Qurxummii barbaaduutti na miidhe galaanni
Kan gargaarsa hin qabne rakkataa dha ani
Xuraa’aa kiyyoo koo miicee fannifadhee
Bakkee otuun jooruun Yesusiin argadhe

Naanna’aa Galaana…

Na bira darbani baay’een hiriyyooni koo
Xurii isaa jibbanii ciccitaa wayyaa koo
Gargaaraa iyyeessaa Yesus ya michuu koo
Nabira hin darbinee ulfaadhu Gooftaa koo

Naanna’aa Galaana…

Bara baay’een ture qarqara bishaanii
Qurxummiin Galiilaa bultoo koo turani
Sagalee Yesusiif kiyyoo koo fannisee
Isa duukaan bu’ee hundumaa itti dhiisee

Naanna’aa Galaana…

Qabeenyi lafa iraa kan har’aa duwwaa ti
Yesusiin fo’achuun kan bara baraa tii
Jireenya koo Yesus dhuunfadhu maleessaa
Garaa keetti tolee siif haa ta’u aarsaa

Naanna’aa Galaana…

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *