admin – Worship Songs https://www.oromo.church Sun, 18 May 2025 17:19:41 +0000 en hourly 1 https://wordpress.org/?v=6.8.1 https://www.oromo.church/wp-content/uploads/2020/04/cropped-OROEC-Logo-1-32x32.jpg admin – Worship Songs https://www.oromo.church 32 32 199837651 Hafuura Qulqullu Kottu Ana Irratti Bu’i https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/hafuura-qulqullu-kottu-ana-irratti-bui/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/hafuura-qulqullu-kottu-ana-irratti-bui/#respond Sun, 18 May 2025 17:19:41 +0000 https://www.oromo.church/?p=1108 Hafuura Qulqullu kottu Ana irratti bu’i
Dheebuu lubbuu kootii hawwii koo ilaali
Siif ni danda’amaa laphee koo jijjiiri
Jaalala isa dhugaa na keessatti uumi

Hir’ina koo beekta kan na barbaachisu
Laphee koo isa madaa si’i kan fayyisu
Harki kee yaa YESUS hundumaaf qorichaa
Kottuu na qaqabadhu har’as al tokkicha

Hafuura Qulqullu…

Adeemmii miila koo yaada koo dhuunfadhu
Guutuu namummaa koo ulfina keef godhu
Bara jireenya koo siif akkan jiraadhuuf
Figgicha koo fixee fuula kee akkan arguuf

Hafuura Qulqullu…

Waan gaarii isan yaadu isa akkan raawwadhu
Hojii Wangeelaatiif akkan tattaaffadhu
Lubbuu kan badaniif dhimmee akkan kadhadhu
YESUS na dammaqsi ija akkan godhadhu

Hafuura Qulqullu…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/hafuura-qulqullu-kottu-ana-irratti-bui/feed/ 0 1108
Si Haa Galatu Ya Abbaa Koo https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/si-haa-galatu-ya-abbaa-koo/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/si-haa-galatu-ya-abbaa-koo/#respond Sun, 18 May 2025 17:14:11 +0000 https://www.oromo.church/?p=1106 Si haa galatu (2x) ya Abba koo
Si haa galatu (2x) ya Abba koo

Gooftaa galata kee maqaan kee haa ulfaatu
Deebii kadhannaa isaa saba keef kan laattu
Kan si gaafataniif deebii dhugaa laattee
Surraa fi ayyana kee saba keef baay’ifte

Si haa galatu…

Bineensonni bakkee si galateeffatu
Uumamni harka keetii ulfina sii laatu
Iddoo kee dhaabattee kan diina ifattu
Yaa arjaa garraamii maqaan kee haa ulfaatu

Si haa galatu…

Yaa Waaq Abrahaam yaa Waaq Eliyaas
Iddoodhuuma hundaatti maqaa kee ulfeessi
Qulqulluu Hafuura keen ati nu qulqulleessi
Guyyuma guyyaatti kottuu nu haaressi

Si haa galatu…

Galannu jab jeetu gta Waaqayyo Abba
Saba keef ergite irree kee isa jabaa
Diina dhidhimsitee saba kee baay’iftee
Hafuura kee dhugaa nu irratii dhangalaaftee

Si haa galatu…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/si-haa-galatu-ya-abbaa-koo/feed/ 0 1106
Ha Bu’u Gooftaa Hafuurri Kee https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ha-buu-gooftaa-hafuurri-kee/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ha-buu-gooftaa-hafuurri-kee/#respond Sun, 11 May 2025 16:58:22 +0000 https://www.oromo.church/?p=1103 Haa bu’u, har’as haa bu’u; Gooftaa Hafuurri Kee
Haa bu’u, har’as haa bu’u; Yesus Hafuurri Kee
Haa bu’u, har’as haa bu’u; Gooftaa Hafuurri Kee
Haa bu’u, har’as haa bu’u; Haa cimsu Waldaa Kee

Jabina kan nuu ta’u humna kan nuu kennu … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Inni nu gargaaru cimnee akka dhaabannu … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Yeroon isaa hamaa dha qophaa hin dandeenyu … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Nuu buusi Hafuura kee ittiin kan ijaajinu … Haa bu’ Hafuuurri Kee

Haa bu’u…

Raajii kan hojjette karaa ergamaa keetii … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Humna Waaqummaa kee kan ibse namatti … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Har’as maaloo dhufee haa bu’u nu gidduutti … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Waan hamaa balleessuuf humna akka arganuuf … Haa bu’ Hafuuurri Kee

Haa bu’u…

Akka nu damaqsu, akka nu haaressuuf … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Nu ijoollee kee gidduutti jaalala akka cimsuuf … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Ammas daddaballee kunoo si gaafanna … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Hafuurri kee haa bu’u yoos cimnee dhaabanna, … Haa bu’ Hafuuurri Kee

Haa bu’u…

Kan hamileen isaa cabe onnee isaa haa sochoosuu … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Gaachana isaa haa ta’uuf kan diinni doorsisu .. Haa bu’ Hafuuurri Kee
Beela’ee dheebotee kan abdii kutateef .. Haa bu’ Hafuuurri Kee
Akka si yaadatu soora foonsaa argatee … Haa bu’ Hafuuurri Kee

Haa bu’u…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ha-buu-gooftaa-hafuurri-kee/feed/ 0 1103
Ulfinnis Galannis Kan Kee Ti https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ulfinnis-galannis-kan-kee-ti/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ulfinnis-galannis-kan-kee-ti/#respond Sun, 11 May 2025 16:55:04 +0000 https://www.oromo.church/?p=1100 Ulfinnis galannis kan keeti Yesus!
Eenyutu sitti falma
Waaqa irrattis lafa irrattis
Ati mooteetta – haalleeluyyaa
Ulfaadhu siin jenna Gooftaa
Ulfaadhu siin jenna (2x)

Jalqabatti kan turtee har’as kan jirtuu dha
Ati hin jijjiiramtu yeroo hundaa mootii dha
Waaqaa fi lafa iraattis si duwwaatu Gooftaa dha
Lubbuu kan qabu hunduu gara kee ilaala

Ulfinnis galannis…

Kan si dhibu hin jiru hundumaa dandeessa
Humni Maqaa keetii isa du’e kaasa
Maqaa kee yemmuu waamnu seexanoonni ni iyyu
Humna surraa keetiif lafa lixan dhabu

Ulfinnis galannis…

Angoo kee mo’uudhaaf duuni illee in dandeenye
Humna waaqummaa keen du’a mootee kaate
Jireenyaa fi fayyina hundumaaf kan laatte
Alfaa Omeegaa dhaa ati kan hin darbine

Ulfinnis galannis…

Ulfinis galannis hundumtuu siif ta’a
Garaa irraa kan burqe hooqubaa gaariinsaa
Arrabni ilmaan namaa maqaa kee ha weeddisu
Jilbi jiru hundumtuus siif haa jilbeenfatu

Ulfinnis galannis…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ulfinnis-galannis-kan-kee-ti/feed/ 0 1100
Yesus Dhalateera Beeteliheemitti https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-dhalateera-beeteliheemitti/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-dhalateera-beeteliheemitti/#respond Sun, 11 May 2025 16:51:05 +0000 https://www.oromo.church/?p=1097 Yesus dhalateera Beeteliheemitti
Biyya Yihudaatti ganda Daawititti
Kotaa ni ililchinaa harkas ni rukkunnaa
Ilmi Waaqayyo Abba Yesus dhalateeraa

Yesus Mootii Nagaa  kan nama hin daganne
Biyya lafaa dhuftee waan nu furteef
Jilbaan jilbenfannee guddaa sii saganna
Harka keenya rukunnee ililleedhaan si faarfanna

Teessoo Waaqaa dhiiftee biyya lafaa dhuftee
Jaalala Abbaa keetiis nu gidduutti raawwatte
Galata galata galata si galchina
Macci waaqaa fi lafaa irraa maqaa kee faarfanna

Yesus Mootii Nagaa…

Diinnii keenya seexanni kooluu nu galfatee
Badii bara baraa fi gubiif nu keewwate
Babbannee kan turre abdii kan kutanne
Yesus luba nu baafte nu gidduutti dhalattee

Yesus Mootii Nagaa…

Ulfinnii fi guddinni galanni siif ta’a
Mootee kan jiraattu Alfaa Omeegaa dha
Nus kunoo ijoolleen kee fayyinee burraaqna
Kan kanaan nu geesseef galata galata

Yesus Mootii Nagaa…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-dhalateera-beeteliheemitti/feed/ 0 1097
Qilleensi Hin Jiru https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/qilleensi-hin-jiru/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/qilleensi-hin-jiru/#respond Sun, 27 Apr 2025 17:35:45 +0000 https://www.oromo.church/?p=1095 Qilleensi hin jiru muka kan raasu
Duumessi hin argamu kan abdannee teenyu
Waaqayyo garuu dubbateera
Lagni inni goge kun bishaan guutuuf jira
Kan dheebote hunduus dhugee dheebuu ba’a

Eeyee (2x) kun Waaqayyootiif ulfaataa miti
Rawwachuuf jira akka abdii isaatti
Eeyee (2x) kun Waaqayyootiif ulfaataa miti
Rawwachuuf jira akka abdii isaatti

Izqiel yommuu arge lafee goggoganii
Foon kan itti hin jirre lafa tuulamanii
Foon itti uwwiftee lubbuu kennuufini
Siif ni danda’ama jedhe Waaqayyooni

Eeyee …

Waaqayyo nuu roobsa bokkaa ayyaana isaa
Baalli inni goggoges ni marga ni lalisa
Qoonqoon beela’e hunduus soora argachuuf jira
Waaqayyo amanamaan abdii nuu kenneera

Eeyee …

Naannoo koo ilaalee homaa abdii yon dhabe
Ifa kan hin qabne hunduu dukkanaa’ee
Waqayyoon eeggadhee ani abdii hin kutadhu
Hundaa isa raawwatu yeroon isaa yommuu ga’u

Eeyee …

Qilleensi hin jiru muka kan raasu
Duumessi hin argamu kan abdannee teenyu
Waaqayyo garuu dubbateera
Lagni inni goge kun bishaan guutuuf jira
Kan dheebote hunduus dhugee dheebuu ba’a

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/qilleensi-hin-jiru/feed/ 0 1095
Yesus Maal Maqaan Gaarii Akkasi https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-maal-maqaan-gaarii-akkasi/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-maal-maqaan-gaarii-akkasi/#respond Sun, 27 Apr 2025 17:28:45 +0000 https://www.oromo.church/?p=1092 Yesus (4x)
Maal maqaa gaariin akkasii?
Lubbu ni fayyisa foonisi
Maqaan Isaa ni jedhama Yesus (2x)

Furiin warra boojia’amanii
Dhiphuu fi gidiraatti kan jirani
Da’oo fi iddoo boqonnaa isaanii
Ta’eera maqaan YESUS kuni

Yesus…

Aduu gubee xaph godhu keessatti
Da’oodhaa fi gaaddisa namaa ti
Isa diinni itti bobba’eef
Maqaan YESUS masaraa ta’eef

Yesus…

Biyya fagoo lafa baay’ee darbee
Iddoo itti ergame takkaadhaan ga’ee
Humna waaqummaa isaa ni mul’isa
Dhimma itti ergame fiixaan baasa

Yesus…

Maqaa gaari dinqii ba’eessa
Kan waammatan hundaa ni fayyisa
Badii fi gidiraa guddaa keessaa
Mo’ichaan isaan ni dabarsa

Yesus…

Dhaabata nama dadhabaa ti
Dhukubsataa fi gargaaraa isaa ti
Qorichi qoricha hundaa caalu
Kan akka Maqaa YESUS hin jiru

Yesus…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-maal-maqaan-gaarii-akkasi/feed/ 0 1092
Sagaleen Dadhabaa Iyyee Si Waama https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/sagaleen-dadhabaa-iyyee-si-waama/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/sagaleen-dadhabaa-iyyee-si-waama/#respond Sun, 27 Apr 2025 17:22:36 +0000 https://www.oromo.church/?p=1088 Sagaleen dadhabaa iyyee
si waama (2x)
Fagoo fagoo laga gamaa
Ya WAAQ calluma hin jedhini
Dhumii ijoollee kee hin ilaalini
Maqaa Gooftaa YESUSiin
Cubuu keenya nuu dhiisii
Ka’ii falma kee falmmadhu
Boojuu saba kee deebifadhu
(2x)

Meeqaa fi meeqatama bakkeetti kan hafani?
Manaa kan ba’anii deebii kan dhabani
Inni kaan beela’uudhaan inni kaanis dhebuu dahaan
Gargaarsa dhabanii du’anii badani

Sagaleen dadhabaa…

Warri kaan hidhamanii kaanis ajjeefamanii
Harka diinaa jalatti dhiphuutti kan jirani
Afaan du’aa taa’anii nu oolchi kan jedhani
Uumama harka keetii cal jettee hin dhiisini

Sagaleen dadhabaa…

Manni kee cufamuudhaan naasuudhaan qabamanii
Booddeetti deebi’anii humna kan dhabani
Al tokko isaan ilaali araara keen mil’adhu
Maqaa keetiif jedhii Saba keef birmmadhu

Sagaleen dadhabaa…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/sagaleen-dadhabaa-iyyee-si-waama/feed/ 0 1088
Ameen Kan Akka kee Hin Jiru https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ameen-kan-akka-kee-hin-jiru/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ameen-kan-akka-kee-hin-jiru/#respond Sun, 27 Apr 2025 17:15:59 +0000 https://www.oromo.church/?p=1086 Ameen, kan akka kee hin jiru
Gara iyya namaa dafe kan dhaga’u
Dhiphuu fi gidiraatti kan nama qaqqabu
Goftaa Yesus galatni siif ha ta’u (2x)

Hundumaa ni hubatta akka adda-addaa isaatti
Jaalalaan simatta wal otuu hin caalchisin
Iyyi rakkatootaa immoo gara kee yhommuu ga’u
Battaluumaan deebifta garaan kee waan ho’uuf

Ameen…

Diina isaatiin marfamee naasuudhaan muddame
Yoosaafaax garbichi kee yammuu inni si waame
Ati woo hin turre kaa Gooftaa dafttedhuma deebifte
Muddama isa guddaattii garbicha kee furte

Ameen…

Imimmaan dhangala’utti garaan kee hin jabaatu
Dhimma sitti himatame Goftaa hin irraanfattu
Kan yaada garaa isaas si duratti himate
Yeroo isaatti ni argata Gooftaa si eeggatee

Ameen…

Abdachiiftee hin gantu yeroo hin dabarsitu
Akeeka kee ni raawwatta ammoo hin irraanfattu
Hundumaa kan wal ga’u hin jiru kan akka kee
Ani dhuga-baatuu keeeti gara-laafummaa keef

Ameen…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ameen-kan-akka-kee-hin-jiru/feed/ 0 1086
Gooftaa Yesus galanni siif ha ta’u https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/gooftaa-yesus-galanni-siif-ha-tau/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/gooftaa-yesus-galanni-siif-ha-tau/#respond Sat, 19 Apr 2025 00:51:52 +0000 https://www.oromo.church/?p=1081 Gooftaa Yesus galanni siif ha ta’u (3x)
Mootii koo maqaan kee ha mo’u (3x)

Hundumaa otuu qabduu nama deegaa taatee
Cubbuu otuu hin jojjetin yakka koof dhiphate
Ulfina kee dhiiftee anaaf tuffatamtee
Du’a mootee kaatee jireenya naa laatte

Gooftaa Yesus…

Ba’aa cubbuu kootii na irraa fuutee owwaaltee
Dukkana du’aattii iffatti na baafte
Iddoo ko yeellaatee ulfina naa laattee
Diina lubbuu kootii anaaf yellaasiftee

Gooftaa Yesus……

Dhagaa guddaa fo’ee yommuu si irraa kaa’e
Nan ajjeese se’ee diinni yommuu garmaame
Gaafa guyyaa saddi’ii ati woo ni uma kaate
Guddina surraa kee humna kee uffattee

Gooftaa Yesus…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/gooftaa-yesus-galanni-siif-ha-tau/feed/ 0 1081