Galata Waaqayyoo – Worship Songs https://www.oromo.church Sun, 09 Nov 2025 18:33:37 +0000 en hourly 1 https://wordpress.org/?v=6.8.3 https://www.oromo.church/wp-content/uploads/2020/04/cropped-OROEC-Logo-1-32x32.jpg Galata Waaqayyoo – Worship Songs https://www.oromo.church 32 32 199837651 Haalleeluyyaa Gooftaa Yesus nuu du’eera https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/haalleeluyyaa-gooftaa-yesus-nuu-dueera/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/haalleeluyyaa-gooftaa-yesus-nuu-dueera/#respond Sun, 09 Nov 2025 18:33:37 +0000 https://www.oromo.church/?p=1126 Haalleeluyyaa Gooftaa Yesus nuu du’eera
Haalleeluyyaa gatiin cubbuu nurraa ka’eera
Haalleeluyyaa funyoon cubuu nurraa citeera
Halleeluyyaa nu kunoo luba baaneerra

Dhiiga isaa dhangalaasee cubbuuttii nu qulleesee
Lubbuu isaa nuuf dabarsee du’attii nu fayyise
Mal jaalalli akas guutuun nama hundumaaf kan ga’u
Kan biraa maal jennaree? galanni isaaf haa ta’u

Haalleeluyyaa Gooftaa Yesus nuu du’eera
Haalleeluyyaa gatiin cubbuu nurraa ka’eera
Haalleeluyyaa funyoon cubuu nurraa citeera
Halleeluyyaa nu kunoo luba baaneerra

Ofii isaatii dhiphatee dhiphina keessaa nu baase
Garafamee madaa’ee madaa keenya fayyise
Fafagaannee kan turre walitti nu dhi’eessee
Jaalalaan gidduu dhufee Abbaa isaatti nu araarse

Haalleeluyyaa Gooftaa Yesus nuu du’eera
Haalleeluyyaa gatiin cubbuu nurraa ka’eera
Haalleeluyyaa funyoon cubuu nurraa citeera
Halleeluyyaa nu kunoo luba baaneerra

Gindillaa jiidhaa baatee lafa irra harkifame
Jibbamee tuffatamee dhiitamee darbatame
Gonfoo qoraattii keewwatee gidiraa guddaa fudhatee
Ofii isaatii yeelaa’ee nuyiif ulfina kennee

Haalleeluyyaa Gooftaa Yesus nuu du’eera
Haalleeluyyaa gatiin cubbuu nurraa ka’eera
Haalleeluyyaa funyoon cubuu nurraa citeera
Halleeluyyaa nu kunoo luba baaneerra

Nu akka duunee hin banneef Yesus du’ee du’aa ka’ee
Cubbuu hunduma keenyaa ofuma isaa irra ka’e
Dhiigni isaa dhangala’ee fannoo irratti kan lola’e
Nama hundumaa fayyisuuf isatu ga’aa ta’e

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/haalleeluyyaa-gooftaa-yesus-nuu-dueera/feed/ 0 1126
Hundumaa kan caalu ati Waaqa sodaadhu https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/hundumaa-kan-caalu-ati-waaqa-sodaadhu/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/hundumaa-kan-caalu-ati-waaqa-sodaadhu/#respond Sun, 09 Nov 2025 18:15:07 +0000 https://www.oromo.church/?p=1123 Hundumaa kan caalu ati Waaqa sodaadhu
Isaafis kufii sagadi jilba kee laadhu
Inoo sii kenna jireenya kan bara-bara
Gadi jedhii harkaa fudhadhu eeba waaqa irraa

Garaa kee guutun Gooftaa jaalladhu
Hafuura dhugaa of keessaa qabaadhu
Tortoree badaa foon dhadhabaa dhaa
Namni Yesusiin hin qabne reeffa gogaa dhaa (2x)

Hundumaa kan caalu…

Fuula Gooftaa keetti gadi jechuu bari
Sirraa haa mul’atuu hojii inni gaariin
Hojii foon keetiin maaliif of jejja
Waan bu’aa hin qabneef joortee baajjajja (2x)

Hundumaa kan caalu…

Jilbi hundinuu isaaf jilbeenfata
Arrabni hundinuus maqaa isaa faarfata
Ulfina kenniif gadi jedhiitii
Yoo gadi of qabde ol si qabaatii (2x)

Hundumaa kan caalu…

Uumaa dha inni jalqabaa fi dhuma
Jiraataa Gooftaa yeroo hundumaa
Waaqa dhugaa dha kan qixee hin qabne
Kan hin dadhabne hin duune hin dulloomne (2x)

Hundumaa kan caalu…

Yommuu dubbatu lafa sochoosa
Baay’ee jabaadha ni sodaachisa
Humna isaa kana eenyutu hubata?
Fuula isaa abidda dura eenyutu dhaabata? (2x)

Hundumaa kan caalu…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/hundumaa-kan-caalu-ati-waaqa-sodaadhu/feed/ 0 1123
Buufannee yommuu teenye https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/buufannee-yommuu-teenye/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/buufannee-yommuu-teenye/#respond Sun, 09 Nov 2025 18:12:08 +0000 https://www.oromo.church/?p=1121 Buufannee yommuu teenye laga Baabyiloon
Weedduu ishee yaadanne biyyattii Tsiyoon
Kiraara koo qilxuutti rarraase
Taa’een boo’e imimmaan lolaase
Gaddineerra teenyee biyya ormaa

Angafni faarsituu diobbee isaa fannisee
Fudhachuu hin danda’u harka isaa bal’isee
Waaqessuu hin danda’u waaqa Baabyiloon
Nan eeggadha malee obsee Waaqayyoon

Buufannee yommuu…

Dhaga’uu hin dandeenyu sagalee kiraaraa
Lubummaa hin argannu biyya ormaa jirraa
Nu deebisi maaloo yaa Abbvaa araaraa
Biyya keenya durii Tsiyoonin yaanneerraa

Buufannee yommuu…

Waaqessuu hin dandeenyu waaqa biyya ormaa
Yakka akka goone yaadanneerra amma
Yerusaalemitti maaloo nu deebisi
Sagalee faarsitu ati nu dhageessisi

Buufannee yommuu…

Teenyee gaddineerra biyya Baabyiloon
Yakkuu keenya beeknee nuyis Waaqayyoon
Raawwachuun barichaa waggaa torbaatamaa
Nu yaadadhu maaloo nu woo si eeggannaa

Buufannee yommuu teenye…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/buufannee-yommuu-teenye/feed/ 0 1121
Naanna’aa Galaana Galiilaatti kiyyoo koo fannisee https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/naannaaa-galaana-galiilaatti-kiyyoo-koo-fannisee/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/naannaaa-galaana-galiilaatti-kiyyoo-koo-fannisee/#respond Sun, 09 Nov 2025 18:08:07 +0000 https://www.oromo.church/?p=1118 Naanna’aa Galaana Galiilaatti kiyyoo koo fannisee
Otuun deddeebi’uu Gooftaan koo na waamee cubbuu koo hambise
Namni itti hin gammadne waamammuu fi fayyuu kootti
Ati garuu na hin dhiifnee ulfaadhu Yesus koo.

Qurxummii barbaaduutti na miidhe galaanni
Kan gargaarsa hin qabne rakkataa dha ani
Xuraa’aa kiyyoo koo miicee fannifadhee
Bakkee otuun jooruun Yesusiin argadhe

Naanna’aa Galaana…

Na bira darbani baay’een hiriyyooni koo
Xurii isaa jibbanii ciccitaa wayyaa koo
Gargaaraa iyyeessaa Yesus ya michuu koo
Nabira hin darbinee ulfaadhu Gooftaa koo

Naanna’aa Galaana…

Bara baay’een ture qarqara bishaanii
Qurxummiin Galiilaa bultoo koo turani
Sagalee Yesusiif kiyyoo koo fannisee
Isa duukaan bu’ee hundumaa itti dhiisee

Naanna’aa Galaana…

Qabeenyi lafa iraa kan har’aa duwwaa ti
Yesusiin fo’achuun kan bara baraa tii
Jireenya koo Yesus dhuunfadhu maleessaa
Garaa keetti tolee siif haa ta’u aarsaa

Naanna’aa Galaana…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/naannaaa-galaana-galiilaatti-kiyyoo-koo-fannisee/feed/ 0 1118
Misiraachoo ni gammanna https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/misiraachoo-ni-gammanna/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/misiraachoo-ni-gammanna/#respond Sun, 09 Nov 2025 18:03:56 +0000 https://www.oromo.church/?p=1115 Misiraachoo ni gammanna ni faarfanna
Yesus nuu dhalatee kottaa ni ililchinaa

Galanni Waaqayyof waaqa irratti
Namootaaf jaalalli lafa irraatti
Fayyisaan dhalate Beeteliheemitti
Kottaa ni ililchinaa guyyaa gammachuutii

Misiraachoo…

Weedduu haaraadhaanis wal duukaa ni faarfanna
Fayyisaa arganneerra ni galateeffanna
Badiisa nu oolchuuf Yesus dhalateera
Dukkanichi badee ifni nuu ba’eera

Misiraachoo…

Waaqayyo Gooftaa dha innis nu eebbisa
Dhiphinaa nu baasee cubbuu keenya ni dhiisaa
Galataa fi gammachuun isaaf ni saganna
Dadhabbii keenyattis jabina nuu kennaa

Misiraachoo…

Gooftaa Yesusiif lubbuu keenya laanne
Biyya lafaa kana ilaaluu itti dhiifnee
Fuulduratti ni deemna mirga Abbaa taa’uuf
Homtuu illee hin danda’u booddeetti nu hambisuuf

Misiraachoo…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/misiraachoo-ni-gammanna/feed/ 0 1115
Hafuura Qulqullu Kottu Ana Irratti Bu’i https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/hafuura-qulqullu-kottu-ana-irratti-bui/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/hafuura-qulqullu-kottu-ana-irratti-bui/#respond Sun, 18 May 2025 17:19:41 +0000 https://www.oromo.church/?p=1108 Hafuura Qulqullu kottu Ana irratti bu’i
Dheebuu lubbuu kootii hawwii koo ilaali
Siif ni danda’amaa laphee koo jijjiiri
Jaalala isa dhugaa na keessatti uumi

Hir’ina koo beekta kan na barbaachisu
Laphee koo isa madaa si’i kan fayyisu
Harki kee yaa YESUS hundumaaf qorichaa
Kottuu na qaqabadhu har’as al tokkicha

Hafuura Qulqullu…

Adeemmii miila koo yaada koo dhuunfadhu
Guutuu namummaa koo ulfina keef godhu
Bara jireenya koo siif akkan jiraadhuuf
Figgicha koo fixee fuula kee akkan arguuf

Hafuura Qulqullu…

Waan gaarii isan yaadu isa akkan raawwadhu
Hojii Wangeelaatiif akkan tattaaffadhu
Lubbuu kan badaniif dhimmee akkan kadhadhu
YESUS na dammaqsi ija akkan godhadhu

Hafuura Qulqullu…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/hafuura-qulqullu-kottu-ana-irratti-bui/feed/ 0 1108
Si Haa Galatu Ya Abbaa Koo https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/si-haa-galatu-ya-abbaa-koo/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/si-haa-galatu-ya-abbaa-koo/#respond Sun, 18 May 2025 17:14:11 +0000 https://www.oromo.church/?p=1106 Si haa galatu (2x) ya Abba koo
Si haa galatu (2x) ya Abba koo

Gooftaa galata kee maqaan kee haa ulfaatu
Deebii kadhannaa isaa saba keef kan laattu
Kan si gaafataniif deebii dhugaa laattee
Surraa fi ayyana kee saba keef baay’ifte

Si haa galatu…

Bineensonni bakkee si galateeffatu
Uumamni harka keetii ulfina sii laatu
Iddoo kee dhaabattee kan diina ifattu
Yaa arjaa garraamii maqaan kee haa ulfaatu

Si haa galatu…

Yaa Waaq Abrahaam yaa Waaq Eliyaas
Iddoodhuuma hundaatti maqaa kee ulfeessi
Qulqulluu Hafuura keen ati nu qulqulleessi
Guyyuma guyyaatti kottuu nu haaressi

Si haa galatu…

Galannu jab jeetu gta Waaqayyo Abba
Saba keef ergite irree kee isa jabaa
Diina dhidhimsitee saba kee baay’iftee
Hafuura kee dhugaa nu irratii dhangalaaftee

Si haa galatu…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/si-haa-galatu-ya-abbaa-koo/feed/ 0 1106
Ha Bu’u Gooftaa Hafuurri Kee https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ha-buu-gooftaa-hafuurri-kee/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ha-buu-gooftaa-hafuurri-kee/#respond Sun, 11 May 2025 16:58:22 +0000 https://www.oromo.church/?p=1103 Haa bu’u, har’as haa bu’u; Gooftaa Hafuurri Kee
Haa bu’u, har’as haa bu’u; Yesus Hafuurri Kee
Haa bu’u, har’as haa bu’u; Gooftaa Hafuurri Kee
Haa bu’u, har’as haa bu’u; Haa cimsu Waldaa Kee

Jabina kan nuu ta’u humna kan nuu kennu … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Inni nu gargaaru cimnee akka dhaabannu … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Yeroon isaa hamaa dha qophaa hin dandeenyu … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Nuu buusi Hafuura kee ittiin kan ijaajinu … Haa bu’ Hafuuurri Kee

Haa bu’u…

Raajii kan hojjette karaa ergamaa keetii … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Humna Waaqummaa kee kan ibse namatti … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Har’as maaloo dhufee haa bu’u nu gidduutti … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Waan hamaa balleessuuf humna akka arganuuf … Haa bu’ Hafuuurri Kee

Haa bu’u…

Akka nu damaqsu, akka nu haaressuuf … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Nu ijoollee kee gidduutti jaalala akka cimsuuf … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Ammas daddaballee kunoo si gaafanna … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Hafuurri kee haa bu’u yoos cimnee dhaabanna, … Haa bu’ Hafuuurri Kee

Haa bu’u…

Kan hamileen isaa cabe onnee isaa haa sochoosuu … Haa bu’ Hafuuurri Kee
Gaachana isaa haa ta’uuf kan diinni doorsisu .. Haa bu’ Hafuuurri Kee
Beela’ee dheebotee kan abdii kutateef .. Haa bu’ Hafuuurri Kee
Akka si yaadatu soora foonsaa argatee … Haa bu’ Hafuuurri Kee

Haa bu’u…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ha-buu-gooftaa-hafuurri-kee/feed/ 0 1103
Ulfinnis Galannis Kan Kee Ti https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ulfinnis-galannis-kan-kee-ti/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ulfinnis-galannis-kan-kee-ti/#respond Sun, 11 May 2025 16:55:04 +0000 https://www.oromo.church/?p=1100 Ulfinnis galannis kan keeti Yesus!
Eenyutu sitti falma
Waaqa irrattis lafa irrattis
Ati mooteetta – haalleeluyyaa
Ulfaadhu siin jenna Gooftaa
Ulfaadhu siin jenna (2x)

Jalqabatti kan turtee har’as kan jirtuu dha
Ati hin jijjiiramtu yeroo hundaa mootii dha
Waaqaa fi lafa iraattis si duwwaatu Gooftaa dha
Lubbuu kan qabu hunduu gara kee ilaala

Ulfinnis galannis…

Kan si dhibu hin jiru hundumaa dandeessa
Humni Maqaa keetii isa du’e kaasa
Maqaa kee yemmuu waamnu seexanoonni ni iyyu
Humna surraa keetiif lafa lixan dhabu

Ulfinnis galannis…

Angoo kee mo’uudhaaf duuni illee in dandeenye
Humna waaqummaa keen du’a mootee kaate
Jireenyaa fi fayyina hundumaaf kan laatte
Alfaa Omeegaa dhaa ati kan hin darbine

Ulfinnis galannis…

Ulfinis galannis hundumtuu siif ta’a
Garaa irraa kan burqe hooqubaa gaariinsaa
Arrabni ilmaan namaa maqaa kee ha weeddisu
Jilbi jiru hundumtuus siif haa jilbeenfatu

Ulfinnis galannis…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ulfinnis-galannis-kan-kee-ti/feed/ 0 1100
Yesus Dhalateera Beeteliheemitti https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-dhalateera-beeteliheemitti/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-dhalateera-beeteliheemitti/#respond Sun, 11 May 2025 16:51:05 +0000 https://www.oromo.church/?p=1097 Yesus dhalateera Beeteliheemitti
Biyya Yihudaatti ganda Daawititti
Kotaa ni ililchinaa harkas ni rukkunnaa
Ilmi Waaqayyo Abba Yesus dhalateeraa

Yesus Mootii Nagaa  kan nama hin daganne
Biyya lafaa dhuftee waan nu furteef
Jilbaan jilbenfannee guddaa sii saganna
Harka keenya rukunnee ililleedhaan si faarfanna

Teessoo Waaqaa dhiiftee biyya lafaa dhuftee
Jaalala Abbaa keetiis nu gidduutti raawwatte
Galata galata galata si galchina
Macci waaqaa fi lafaa irraa maqaa kee faarfanna

Yesus Mootii Nagaa…

Diinnii keenya seexanni kooluu nu galfatee
Badii bara baraa fi gubiif nu keewwate
Babbannee kan turre abdii kan kutanne
Yesus luba nu baafte nu gidduutti dhalattee

Yesus Mootii Nagaa…

Ulfinnii fi guddinni galanni siif ta’a
Mootee kan jiraattu Alfaa Omeegaa dha
Nus kunoo ijoolleen kee fayyinee burraaqna
Kan kanaan nu geesseef galata galata

Yesus Mootii Nagaa…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-dhalateera-beeteliheemitti/feed/ 0 1097