Slow Waltz Category – Worship Songs https://www.oromo.church Sun, 04 Aug 2024 16:52:40 +0000 en hourly 1 https://wordpress.org/?v=6.8.1 https://www.oromo.church/wp-content/uploads/2020/04/cropped-OROEC-Logo-1-32x32.jpg Slow Waltz Category – Worship Songs https://www.oromo.church 32 32 199837651 Dhalachuu kootii jalqabee na wajjin jirtaa https://www.oromo.church/slow-waltz-category/dhalachuu-kootii-jalqabee-na-wajjin-jirtaa/ https://www.oromo.church/slow-waltz-category/dhalachuu-kootii-jalqabee-na-wajjin-jirtaa/#respond Sun, 04 Aug 2024 16:52:40 +0000 https://oromo.church/?p=862 Dhalachuu kootii jalqabee na wajjin jirtaa
Nuffitee waa’ee hin baasu jette nadhiiftee yoom beekta
Jaabinnif laafinnikoo jaalala ati anaf qabdu hin hirrisu
Dubbannaf ilaalchii namoota kankee bakka hinbu’u yaada kee hin murtessuu

Gooftaakoo akka keetiif malee seenaankoo yoona badeera
Utuu ati garaa koo hin taanee waa’eenkoos dhumee darbeera
Sin gatuu sin dhiisu jette mirgaa keetin anaf kakatte
Kakuukee yeroo ganamaa Gooftaakoo ati yoom dagattee

Ilaalchikee adda (Waaqayyoo) x4

Kaleef ribuu qortaa
Isaa gad fagoo argitaa Gooftaa
Ilaalchikee adda

Gaddakoo na irraanfachiftee bo’ichakoo kolfatti geddartee
Nagaadhaf boqonnaa naf laatee Goftaakoo hundaa naf taatee

Ulfinaakoo Iyesuus
Jabinakoo Iyesuus
Gaachanakoo Iyesuus
Iddo baqaa koo Iyesuus
Qabbanakoo Iyesuus
Waan hundaakoo Iyesuus

]]>
https://www.oromo.church/slow-waltz-category/dhalachuu-kootii-jalqabee-na-wajjin-jirtaa/feed/ 0 862
Maal akkamittiin dagatuu https://www.oromo.church/slow-waltz-category/maal-akkamittiin-dagatuu/ https://www.oromo.church/slow-waltz-category/maal-akkamittiin-dagatuu/#respond Sun, 24 Mar 2024 17:25:25 +0000 https://oromo.church/?p=822 Maal akkamittiin dagatuu
Akkamiin irraanfatamaa
Gaarummaan ati naaf gootee
Gargaarsi bara ijoollummaa
Na keessaa hin baduu matumaa
Hin dagatamuu matumaa
Na keessaa hin baduu matumaa

Olmaa kee isa kam dubbadhee isa kam taruree
Jecha na wakkachiiseeraa sammuu koo keessa hiriree
Tutuqee na dudubbisaa halkan hirriba koo keessaa
Guyyaasoo utuun karaa deemuu na dhaabee na haasofsiisaa

Hin ibsuukaa jechi danda’ee ahaa ahaa ahaa
Jaalalti inni kan kee adduumaa
Eenyuttan si fakkeessaree
Haadhamoo Abbaanan si tilmaamaa

]]>
https://www.oromo.church/slow-waltz-category/maal-akkamittiin-dagatuu/feed/ 0 822
Lubbuu kiyyaa Waqa kee eebbisii https://www.oromo.church/slow-waltz-category/lubbuu-kiyyaa-waqa-kee-eebbisii/ https://www.oromo.church/slow-waltz-category/lubbuu-kiyyaa-waqa-kee-eebbisii/#respond Sun, 10 Sep 2023 16:59:11 +0000 https://oromo.church/?p=790 Lubbuu kiyyaa Waqa kee eebbisii x3
hundee jireenya kee Yesusii
maqaa isaa ol qabii eebbisii
hundee jireenya kee Yesusii
maqaa isaa ol qabii leellisii

Anoo nan beekaa dadhabduu ta’uu kiyyaa
si’a hagam kufaa ka’aa si rakkisuu kiyyaa
harra garuu dhaabadheen of argee mana kee keessattii
kan na dhaabe garuu ayyaana keetii
harra garuu dhaabadheen of argee mana kee keessattii
kan na dhaabe garuu araara keeti

]]>
https://www.oromo.church/slow-waltz-category/lubbuu-kiyyaa-waqa-kee-eebbisii/feed/ 0 790
Nagaan koo sidha anaaf nagaan koo https://www.oromo.church/slow-waltz-category/nagaan-koo-sidha-anaaf-nagaan-koo/ https://www.oromo.church/slow-waltz-category/nagaan-koo-sidha-anaaf-nagaan-koo/#respond Sat, 19 Aug 2023 19:11:37 +0000 https://oromo.church/?p=786 Si qabaachuun si wajjiin jiraachuunii
Akkam gaariidhaa fooliikeen wal baruunii
Gooftaa koo sit na keessa jiraataa
Hafuurrii kee lubbuu koof nagaa laataa

Nagaan koo sidha anaaf nagaan koo x4

Wanti ilaalamuu kan dhaga’amuu
Hundumtuu nama raasaa
Nagaa koo sarbee hamilees cabsee
Mogolees nama buusaa

Sagaleen kee abdii natti horeeraa
Nagaa hin dabarree si biraa argadheeraa

Bara koo situ eebbisee nagaan koo si’in guutuudhaa
Boqoteera jireenyiikoo gammachuun koo sidhaa
An kan ofiikoo mitii sit na keessa buufatee
Laliseera jireenyi koo anan sit na dhuunfatee

]]>
https://www.oromo.church/slow-waltz-category/nagaan-koo-sidha-anaaf-nagaan-koo/feed/ 0 786
An sanyiin koof argamnii koo (DHUGAAKEE) https://www.oromo.church/slow-waltz-category/an-sanyiin-koof-argamnii-koo-dhugaakee/ https://www.oromo.church/slow-waltz-category/an-sanyiin-koof-argamnii-koo-dhugaakee/#respond Sat, 19 Aug 2023 17:24:52 +0000 https://oromo.church/?p=777 Humna koo utuu beektuu
Na waamte jaallattee
Maali maali ibsuu isa naaf
Du’atti of laattee
Dhugaa keen haalaaree
Yaa madda gaaddisaa
Waa’ee keen odeessaa

Utuu sin taanee an nama harraa hin ta’uu
Maqaan kee haa mo’uu 2x

An sanyiin koof argamnii koo
As nan fidnee jabinni koo
Kan sirreesse ilaalachaa koo
Mataa abarsaa buruksitee
Nama jooraa kununsitee

Naaf gootee oolmaa danuu
Kan kee narraa hin dhumuu
Siif malaa galateeffamuun

Galgalli gaddaa yeroo dheeratuu
Waan jiraatanii hin fakkatuu
Firri akka harraas hin baayyatuu
Harkii na yaadatee sumaa
Tasa narratti hin taanee yaadni hamaa

Jecha keen galaanarraa
Duutis na ganeeraa
Siif qabaa anis weedduu haaraa

Siin galateeffaadhaa x2

Olmaan kee narra bubbulee akkamin ibsuree
Kanan jirus araarakee walakaa
Nama si faarfatuu duukaa
Gara araara keettan fiigaa

]]>
https://www.oromo.church/slow-waltz-category/an-sanyiin-koof-argamnii-koo-dhugaakee/feed/ 0 777
Uumama duraa kan ture https://www.oromo.church/slow-waltz-category/uumama-duraa-kan-ture/ https://www.oromo.church/slow-waltz-category/uumama-duraa-kan-ture/#respond Sun, 01 Jan 2023 03:21:20 +0000 https://oromo.church/?p=769 Uumama duraa kan ture
Aardiif samii kan uume
Inni bekamee hin dhumne
Hunda beekuu
Ka akka waaqayyoo eenyu hin arguu

Achi ol fagoo fagoo
Teessoon ke dheeraa samii gubbaa
Homtuu ollaakee hin jiruu
Morkataa hin qabduu
Ol fagaattee jiraatta qofaa

Atii guddaadha ati guddaadha ati
Hamman si beeku olii

Maqaankee gooftaakoo
Harraaba koo irratti
Aanattii minyaa’ee akkumaa dammaattii
Utuu hin waamin hin ooluu
Hin bulu hin barfadhuu
Siin malee gooftaakoo
Boqonnaa hin argadhuu

Kan kee gooftaa baayyee narraa caalee
Jechaan dhabe waanaan jedhu wallaalee

]]>
https://www.oromo.church/slow-waltz-category/uumama-duraa-kan-ture/feed/ 0 769
Teessooke qajelummaa ol butattee https://www.oromo.church/slow-waltz-category/teessooke-qajelummaa-ol-butattee/ https://www.oromo.church/slow-waltz-category/teessooke-qajelummaa-ol-butattee/#respond Sun, 01 Jan 2023 03:16:01 +0000 https://oromo.church/?p=766 Teessooke qajelummaa ol butattee
Dhugaake kan biiftuu mul’iftee
Jiirta mootee caaltee hundumaa
Mootii guddaa qabdaa ol aantummaa

Hedduu na ajaa’ibaam hojiin harkakeeti
Danda’ee hin callisuu nan himaam hundatti
Kan kaleessaa hojiikee utuun raajeeffadhuu
Kan har’aatu caaleem egaa maal dubbadhuu


Sirra hin jiruum jabaa guddaan gonkumaa
Sidhaam irra jireeessi hundumaa
Siin bitamaa gadi jedhee abbaakoo
Siin laadha barakoo

]]>
https://www.oromo.church/slow-waltz-category/teessooke-qajelummaa-ol-butattee/feed/ 0 766
Tiksee gaarii amanamaa https://www.oromo.church/slow-waltz-category/tiksee-gaarii-amanamaa/ https://www.oromo.church/slow-waltz-category/tiksee-gaarii-amanamaa/#respond Sun, 14 Aug 2022 17:17:43 +0000 https://oromo.church/?p=739 Tiksee gaarii amanamaa
Sin na eegaa gaafa hundumaa
Na baateera yesuus barruun kee
Na golboobeeraa ayyaannikee

Abbaa gaariin qaba kan naaf yaaduu×4
Gooftaa gaariin qabaa kan naaf yaaduu×4
Mootii gaariin qabaa kan naaf yaaduu×4
Tiksee gaariin qabaa kan na eeguu×4

Gaarummaa kee argeeraa waan baayyee sin darbeeraa
Ati naaf caaltee hundaa ulfaadhuu waaqa guddaa

Kanaaf galatoomii siin jedhaa×4
Si’in qaqqabadhe ani guyyaa har’aa

]]>
https://www.oromo.church/slow-waltz-category/tiksee-gaarii-amanamaa/feed/ 0 739
Yesuusin maal jettanii waamtanii https://www.oromo.church/slow-waltz-category/yesuusin-maal-jettanii-waamtanii/ https://www.oromo.church/slow-waltz-category/yesuusin-maal-jettanii-waamtanii/#respond Sun, 07 Aug 2022 17:47:21 +0000 https://oromo.church/?p=736 Yesuusin maal jettanii waamtanii x2
Masii isa jiraataa Ilma Waaqayyootii

Iyesus qulqulluuf qajeelaadhaa
Namoota gara jireenyatti kan geesssudha
Isa beekuun jireenya bara baraati
Mootummaan irraa hin darbuu dhaabatee hafaati
Ijaartuu kan tuffatenii dhagaa goolee ta’e
Iyesuus ifaa biyya lafaa namaaf abdii ta’e

]]>
https://www.oromo.church/slow-waltz-category/yesuusin-maal-jettanii-waamtanii/feed/ 0 736
Haaleluyyaa Dhugaaf hafuuran https://www.oromo.church/slow-waltz-category/haaleluyyaa-dhugaaf-hafuuran/ https://www.oromo.church/slow-waltz-category/haaleluyyaa-dhugaaf-hafuuran/#respond Sun, 07 Aug 2022 17:17:50 +0000 https://oromo.church/?p=732 Haaleluyyaa x8
Dhugaaf hafuuran, Haaleluyyaa
Siif sagannaa, Haaleluyyaa
Si waaqeffanna, Haaleluyyaa
Garaa qullaa’aa, Haaleluyyaa

Arjummaan Waaqayyoo hamma banti waaqaa
Badhaadhumman isaa baayyee hammam ol-fagaaata
Waaqayyoo gaaridha guyyaa gidiraattii
Holqa amansiisaa iddoo itti baqannaati

Seenaan haa ilaalamu ammas haa qoramuu
Waanti dhufuuf jiru’s ammayyuu haa hirmammuu
Kan akka Waaqayyoo kan biraan jiraa’ree
Mee achii asi ba’ee of hin beeksisuu ree

]]>
https://www.oromo.church/slow-waltz-category/haaleluyyaa-dhugaaf-hafuuran/feed/ 0 732