Worship Songs https://www.oromo.church Sun, 27 Apr 2025 17:35:45 +0000 en hourly 1 https://wordpress.org/?v=6.8 https://www.oromo.church/wp-content/uploads/2020/04/cropped-OROEC-Logo-1-32x32.jpg Worship Songs https://www.oromo.church 32 32 199837651 Qilleensi Hin Jiru https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/qilleensi-hin-jiru/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/qilleensi-hin-jiru/#respond Sun, 27 Apr 2025 17:35:45 +0000 https://www.oromo.church/?p=1095 Qilleensi hin jiru muka kan raasu
Duumessi hin argamu kan abdannee teenyu
Waaqayyo garuu dubbateera
Lagni inni goge kun bishaan guutuuf jira
Kan dheebote hunduus dhugee dheebuu ba’a

Eeyee (2x) kun Waaqayyootiif ulfaataa miti
Rawwachuuf jira akka abdii isaatti
Eeyee (2x) kun Waaqayyootiif ulfaataa miti
Rawwachuuf jira akka abdii isaatti

Izqiel yommuu arge lafee goggoganii
Foon kan itti hin jirre lafa tuulamanii
Foon itti uwwiftee lubbuu kennuufini
Siif ni danda’ama jedhe Waaqayyooni

Eeyee …

Waaqayyo nuu roobsa bokkaa ayyaana isaa
Baalli inni goggoges ni marga ni lalisa
Qoonqoon beela’e hunduus soora argachuuf jira
Waaqayyo amanamaan abdii nuu kenneera

Eeyee …

Naannoo koo ilaalee homaa abdii yon dhabe
Ifa kan hin qabne hunduu dukkanaa’ee
Waqayyoon eeggadhee ani abdii hin kutadhu
Hundaa isa raawwatu yeroon isaa yommuu ga’u

Eeyee …

Qilleensi hin jiru muka kan raasu
Duumessi hin argamu kan abdannee teenyu
Waaqayyo garuu dubbateera
Lagni inni goge kun bishaan guutuuf jira
Kan dheebote hunduus dhugee dheebuu ba’a

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/qilleensi-hin-jiru/feed/ 0 1095
Yesus Maal Maqaan Gaarii Akkasi https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-maal-maqaan-gaarii-akkasi/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-maal-maqaan-gaarii-akkasi/#respond Sun, 27 Apr 2025 17:28:45 +0000 https://www.oromo.church/?p=1092 Yesus (4x)
Maal maqaa gaariin akkasii?
Lubbu ni fayyisa foonisi
Maqaan Isaa ni jedhama Yesus (2x)

Furiin warra boojia’amanii
Dhiphuu fi gidiraatti kan jirani
Da’oo fi iddoo boqonnaa isaanii
Ta’eera maqaan YESUS kuni

Yesus…

Aduu gubee xaph godhu keessatti
Da’oodhaa fi gaaddisa namaa ti
Isa diinni itti bobba’eef
Maqaan YESUS masaraa ta’eef

Yesus…

Biyya fagoo lafa baay’ee darbee
Iddoo itti ergame takkaadhaan ga’ee
Humna waaqummaa isaa ni mul’isa
Dhimma itti ergame fiixaan baasa

Yesus…

Maqaa gaari dinqii ba’eessa
Kan waammatan hundaa ni fayyisa
Badii fi gidiraa guddaa keessaa
Mo’ichaan isaan ni dabarsa

Yesus…

Dhaabata nama dadhabaa ti
Dhukubsataa fi gargaaraa isaa ti
Qorichi qoricha hundaa caalu
Kan akka Maqaa YESUS hin jiru

Yesus…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/yesus-maal-maqaan-gaarii-akkasi/feed/ 0 1092
Sagaleen Dadhabaa Iyyee Si Waama https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/sagaleen-dadhabaa-iyyee-si-waama/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/sagaleen-dadhabaa-iyyee-si-waama/#respond Sun, 27 Apr 2025 17:22:36 +0000 https://www.oromo.church/?p=1088 Sagaleen dadhabaa iyyee
si waama (2x)
Fagoo fagoo laga gamaa
Ya WAAQ calluma hin jedhini
Dhumii ijoollee kee hin ilaalini
Maqaa Gooftaa YESUSiin
Cubuu keenya nuu dhiisii
Ka’ii falma kee falmmadhu
Boojuu saba kee deebifadhu
(2x)

Meeqaa fi meeqatama bakkeetti kan hafani?
Manaa kan ba’anii deebii kan dhabani
Inni kaan beela’uudhaan inni kaanis dhebuu dahaan
Gargaarsa dhabanii du’anii badani

Sagaleen dadhabaa…

Warri kaan hidhamanii kaanis ajjeefamanii
Harka diinaa jalatti dhiphuutti kan jirani
Afaan du’aa taa’anii nu oolchi kan jedhani
Uumama harka keetii cal jettee hin dhiisini

Sagaleen dadhabaa…

Manni kee cufamuudhaan naasuudhaan qabamanii
Booddeetti deebi’anii humna kan dhabani
Al tokko isaan ilaali araara keen mil’adhu
Maqaa keetiif jedhii Saba keef birmmadhu

Sagaleen dadhabaa…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/sagaleen-dadhabaa-iyyee-si-waama/feed/ 0 1088
Ameen Kan Akka kee Hin Jiru https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ameen-kan-akka-kee-hin-jiru/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ameen-kan-akka-kee-hin-jiru/#respond Sun, 27 Apr 2025 17:15:59 +0000 https://www.oromo.church/?p=1086 Ameen, kan akka kee hin jiru
Gara iyya namaa dafe kan dhaga’u
Dhiphuu fi gidiraatti kan nama qaqqabu
Goftaa Yesus galatni siif ha ta’u (2x)

Hundumaa ni hubatta akka adda-addaa isaatti
Jaalalaan simatta wal otuu hin caalchisin
Iyyi rakkatootaa immoo gara kee yhommuu ga’u
Battaluumaan deebifta garaan kee waan ho’uuf

Ameen…

Diina isaatiin marfamee naasuudhaan muddame
Yoosaafaax garbichi kee yammuu inni si waame
Ati woo hin turre kaa Gooftaa dafttedhuma deebifte
Muddama isa guddaattii garbicha kee furte

Ameen…

Imimmaan dhangala’utti garaan kee hin jabaatu
Dhimma sitti himatame Goftaa hin irraanfattu
Kan yaada garaa isaas si duratti himate
Yeroo isaatti ni argata Gooftaa si eeggatee

Ameen…

Abdachiiftee hin gantu yeroo hin dabarsitu
Akeeka kee ni raawwatta ammoo hin irraanfattu
Hundumaa kan wal ga’u hin jiru kan akka kee
Ani dhuga-baatuu keeeti gara-laafummaa keef

Ameen…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ameen-kan-akka-kee-hin-jiru/feed/ 0 1086
Gooftaa Yesus galanni siif ha ta’u https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/gooftaa-yesus-galanni-siif-ha-tau/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/gooftaa-yesus-galanni-siif-ha-tau/#respond Sat, 19 Apr 2025 00:51:52 +0000 https://www.oromo.church/?p=1081 Gooftaa Yesus galanni siif ha ta’u (3x)
Mootii koo maqaan kee ha mo’u (3x)

Hundumaa otuu qabduu nama deegaa taatee
Cubbuu otuu hin jojjetin yakka koof dhiphate
Ulfina kee dhiiftee anaaf tuffatamtee
Du’a mootee kaatee jireenya naa laatte

Gooftaa Yesus…

Ba’aa cubbuu kootii na irraa fuutee owwaaltee
Dukkana du’aattii iffatti na baafte
Iddoo ko yeellaatee ulfina naa laattee
Diina lubbuu kootii anaaf yellaasiftee

Gooftaa Yesus……

Dhagaa guddaa fo’ee yommuu si irraa kaa’e
Nan ajjeese se’ee diinni yommuu garmaame
Gaafa guyyaa saddi’ii ati woo ni uma kaate
Guddina surraa kee humna kee uffattee

Gooftaa Yesus…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/gooftaa-yesus-galanni-siif-ha-tau/feed/ 0 1081
Itti qabsiisi abidda Hafuuraa https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/itti-qabsiisi-abidda-hafuuraa/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/itti-qabsiisi-abidda-hafuuraa/#respond Sat, 19 Apr 2025 00:26:26 +0000 https://www.oromo.church/?p=1078 Itti qabsiisi abidda Hafuuraa
Hafuurri isaa iyyuu walitti guuraa
Gaara gad buusee dachaa ol kaasee
Saba lafa irraa walitti dachasee
An nan burraaqa natti tolee
Diina koo Yesustu naa loleĀ (2x)

Inni arguu dhabe jaamaan ha ilaalu
Itti qabsiisi naafti ha utaaluu
Hidhaan kan jiru hidaati ha hiikamu
Ulfinni kee Gooftaa hundatti ha himamu

Itti qabsiisi…

Inni nuun mormu tulluun haa jigu
Sabni lafa irraa humna kee ha argu
Inni nu duraa galaanni ha dhaabatu
Diinni lubbuu keenyaa gubatee ha wowwaatu

Itti qabsiisi…

Jireenyi bu’aa – ba’iin wal haa qixxaatu
Ulfina keef Gooftaa dhagaan haa dubbatu
Saaqii ti itti seeni laphee saba kee
Keessa keewwadhu yaada garaa kee

Itti qabsiisi…

Dubbiin Wangeelaa abiddi Hafuuraa
Kunoo Mo’aa jira saba lafa irra
Waaqayyo ni mo’a inni hundaa caala
Na gammachiise woo kanaafan utaala

Itti qabsiisi…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/itti-qabsiisi-abidda-hafuuraa/feed/ 0 1078
Ya Waaq na maari https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ya-waaq-na-maari/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ya-waaq-na-maari/#respond Sat, 19 Apr 2025 00:22:44 +0000 https://www.oromo.church/?p=1075 Ya Waaq na maari akka gaarummaa keeti
Natti Araarami, natti araarami
Yesus na maari, akka gaarummaa keetti
Natti araarami, natti araarami

Yakki koobaay’ee dha, irra daddarbaan koo
Natti dhaga’amaa, baay’ee cubbamuun koo
Akka jaalala keeti, jiraachuu dhiisuun koo
Si gaddisiiseera, si’iin ya Uumaa koo

Ya Waaq…

Akka Waaqummaa keetti siin hin waaqeffanne
Ulfina siif ta’us guutummaatti si hin laanne
Humna fayyisuu kee, argee akka hin arginee
Garaan koo ni jabaate, mamiidhaan guutamee

Ya Waaq…

Beekaas otuu hin beekin si gaddisiiseera
Kan si hin gammachiifne baay’ee raawwadheera
Qalbii jijjiirradhee kunoo amma dhufeeraa
Natti araarami ya Waaq abbaa araaraa

Ya Waaq…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ya-waaq-na-maari/feed/ 0 1075
Ani egaa maalan jedha ree https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ani-egaa-maalan-jedha-ree/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ani-egaa-maalan-jedha-ree/#respond Sat, 19 Apr 2025 00:20:23 +0000 https://www.oromo.church/?p=1073 Ani egaa maalan jedha ree?
Ya Waaq si haa galatu malee
Kadhannaa koo naa dhageessee
Hawwii garaa koo iddoon naa geessee
Si eeggadhee takkaa hin yeellaane
Eebbii harka kee natti hin yarannee
Si haa galatu Yesus ko amma illee (4x)

Sagalee abdii keetii irra dhaabadhee
Akkuma ati jettetti si eeggadhee
Takkaa hin yeellaane, maqaa kee waammadhee
Si’iin Waaqa jiraataa amanadhee

Ani egaa…

Ija koo gara gaarotaatti ol fudhee
Gurguddoota irra gargaarsa hin arganne
Sitti deebi’ee maqaa kee waammanaan
Eebba keen guutte mana koo takkumaan

Ani egaa…

Yaada garaa koo fi hawwi koo hubattee
Hiri’ina koo hundumaa kan naa guutte
Imimmaan ija kooti irra naa haqxee
Garaa koo gammachuu keetiin quubsite

Ani egaa…

Harki koo duwwaa dhaa gatii sii kennuuf
Gochaa keen kan gitu silaa iyyuu hin jiru
Bara jireenya koo hundaatti sin waaqessa
Lubbuun koo hamma jirtutti tola keen hima

Ani egaa…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ani-egaa-maalan-jedha-ree/feed/ 0 1073
Ati woo Waaqa jabaa https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ati-woo-waaqa-jabaa/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ati-woo-waaqa-jabaa/#respond Sat, 19 Apr 2025 00:17:32 +0000 https://www.oromo.church/?p=1070 Ati woo Waaqa jabaa eenyutu siin morma?
Jaalalli kee ya Waaq hunduu ni rawwatama
Macci waaqaa fi lafaa siif abboomama
Amma iyuu ati ulfaadhu
Galani siif ta’a yerooma hundumaa (2x)

Kan siin olii hin jiru, eenyuun iyyuu hin sodaattu
Jaalala kee gochuuf booddeetti hin deebitu
Uumamni hundinuu sumaan geggeeffama
Waqni keenya si’i ya Waaqa hundumaa

Ati woo Waaqa jabaa…

Mootummaan ni ka’a mootummaan ni kufa
Wanti haaraan har’aa bor immoo ni moofa’a
Ati garuu waaqa bara-baraan jirta
Teessoon kees jabaa dha ya Waaqa waaqota

Ati woo Waaqa jabaa…

Barri kee hin darbu humni kees hin dhumu
Uumamamni kee hunduu Waaqummaa kee himu
Kaleessa, hara’s, boris ati hin jijjiramtu
Bara-baraan jiraata ya Waaq si haa galatu

Ati woo Waaqa jabaa…

Ergamootni waaqaa ililleen si faarsu
Gaarummaa kee himaa surraa kee mul’isu
Nus kunoo maatiin kee, si galateeffanna
Gochaa kee hundumaaf, hoqubaa siin jenna

Ati woo Waaqa jabaa…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/ati-woo-waaqa-jabaa/feed/ 0 1070
Galata kee ya Waaq si galateeffanna https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/galata-kee-ya-waaq-si-galateeffanna/ https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/galata-kee-ya-waaq-si-galateeffanna/#respond Fri, 18 Apr 2025 23:58:49 +0000 https://www.oromo.church/?p=1066 Galata kee ya Waaq si galateeffanna
Ilillee fi gammachuun maqaa kee weeddifna
Gochaa kee kana hundaaf silaa maal deebifna
Ammas ammas daddaballee, galata kee jenna
Ammas amma daddaballe galata galchina

Akka yaada namaaf har’a hin geenyu turre
Gargar babbannee, kan facaane turre
Ati garuu Goftaa walitti nu qabdee
Kunoo hamma har’aatti moo’ichaan nu dhaabde

Galata kee ya Waaq…

Dinni kan qopheesse akeeki isaan hin taane
Kan badii keenyaa murtoon isaa hin raawwanne
Maqaa kee waammannee dhugaan si kadhannee
Gargaarsi kee dhufnaan mo’icha arganne

Galata kee ya Waaq…

Kiyyoon adamsaa nu qabuuf qophaa’ee
Hursaan galaanaa nu irra yaa’uuf ture
Diinni keenya afaan isaa kan nutti banate
Ilkaan isaaf nu hin goone humna keen nu baafte

Galata kee ya Waaq…

Otuu ati nuu hin taanee ya WAAQ eegaa keenya
Ari’atamuu fi yeellootti iddoo baqa keenyaa
Silaa yoona hin geenyu seenaan keenya cimee
Waan nu jiraachifteef ya WAAQ galata kee

Galata kee ya Waaq…

]]>
https://www.oromo.church/galata-waaqayyoo/galata-kee-ya-waaq-si-galateeffanna/feed/ 0 1066