Ani Bannaanii kan na barbaadde
Ani cabnanii kan na walantee
Goftaa Yesus koo attam na jaallatte
Kan duutee du’a na oolchite
Gooftaa Yesus koo attm na jaallatte
Kan duutee du’a na oolchite

Diinni na hidhee cubbuun na marsee
Foon koo fi biyyi lafaa kan na raatesse
Otuun jooraa jiruu situ na argee
Ulfaadhu Gooftaa kan na boojite
2x

Ani Bannaanii…

Yaa Gooftaa Yesus ati dinqii dha
Kan sitti baqateef ati da’oo dha
Gara kee dhufnaan nama hin ariitu
Ulfaadhu Gooftaa waan hundumaattuu
2x

Ani Bannaanii…

Waaqa jaalalaa Mootii amanamaa
Angafa nagaa Mootii ilmaan namaa
Situ na waame baduu koo jibbee
Gara jireenyaatti harka koo qabee
2x

Ani Bannaanii…

Galanni kan kee yaa Ilma Abbaa
Jireenya koo darbeef baayy’iseen gaabba
Garuu Gooftaa koo na fayyifatte
Qabaa diinaa koo jalaa na baaftee
2x

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *