Dammaqi (4x)
Iddoo jirtu bari ariifadhuuttii
Otuu yeroo qabduu wayyaatii
Yesus ni deebi’aa guyyaa isaatti

Biyyi-lafaa ni darba guutummaan hojii isa
Maaf ittin gowwoomta maaf kaatta duukaa isaa
Bareedaa fakkaatee argama bu’aan isaa
Gubii bara-baraa fi badiisa dhumni isaa

Dammaqi…

Hir’uu amantiitiin dhaabachuu hin dandeessuu
Guutuu taatee argamuuf abboomii isaa hubadhu
Quba keetti hidhadhu garaa keetti caaffadhu
Waan gootu hundumaatti ogummaa bitadhu

Dammaqi…

Guyyaan har’aa ni darba deebi’ee hin dhufu
Booddeetti deebi’ee lamuu hin lakkaa’amu
YESUS ni deebi’a guyyaa isaa eeggatee
Fuula isaa arguudhaaf qophoofteeta moo ree?

Dammaqi…

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *