Hafuura Qulqullu kottu Ana irratti bu’i
Dheebuu lubbuu kootii hawwii koo ilaali
Siif ni danda’amaa laphee koo jijjiiri
Jaalala isa dhugaa na keessatti uumi

Hir’ina koo beekta kan na barbaachisu
Laphee koo isa madaa si’i kan fayyisu
Harki kee yaa YESUS hundumaaf qorichaa
Kottuu na qaqabadhu har’as al tokkicha

Hafuura Qulqullu…

Adeemmii miila koo yaada koo dhuunfadhu
Guutuu namummaa koo ulfina keef godhu
Bara jireenya koo siif akkan jiraadhuuf
Figgicha koo fixee fuula kee akkan arguuf

Hafuura Qulqullu…

Waan gaarii isan yaadu isa akkan raawwadhu
Hojii Wangeelaatiif akkan tattaaffadhu
Lubbuu kan badaniif dhimmee akkan kadhadhu
YESUS na dammaqsi ija akkan godhadhu

Hafuura Qulqullu…

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *