Qilleensi hin jiru muka kan raasu
Duumessi hin argamu kan abdannee teenyu
Waaqayyo garuu dubbateera
Lagni inni goge kun bishaan guutuuf jira
Kan dheebote hunduus dhugee dheebuu ba’a

Eeyee (2x) kun Waaqayyootiif ulfaataa miti
Rawwachuuf jira akka abdii isaatti
Eeyee (2x) kun Waaqayyootiif ulfaataa miti
Rawwachuuf jira akka abdii isaatti

Izqiel yommuu arge lafee goggoganii
Foon kan itti hin jirre lafa tuulamanii
Foon itti uwwiftee lubbuu kennuufini
Siif ni danda’ama jedhe Waaqayyooni

Eeyee …

Waaqayyo nuu roobsa bokkaa ayyaana isaa
Baalli inni goggoges ni marga ni lalisa
Qoonqoon beela’e hunduus soora argachuuf jira
Waaqayyo amanamaan abdii nuu kenneera

Eeyee …

Naannoo koo ilaalee homaa abdii yon dhabe
Ifa kan hin qabne hunduu dukkanaa’ee
Waqayyoon eeggadhee ani abdii hin kutadhu
Hundaa isa raawwatu yeroon isaa yommuu ga’u

Eeyee …

Qilleensi hin jiru muka kan raasu
Duumessi hin argamu kan abdannee teenyu
Waaqayyo garuu dubbateera
Lagni inni goge kun bishaan guutuuf jira
Kan dheebote hunduus dhugee dheebuu ba’a

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *