Yesus dhalateera Beeteliheemitti
Biyya Yihudaatti ganda Daawititti
Kotaa ni ililchinaa harkas ni rukkunnaa
Ilmi Waaqayyo Abba Yesus dhalateeraa

Yesus Mootii Nagaa  kan nama hin daganne
Biyya lafaa dhuftee waan nu furteef
Jilbaan jilbenfannee guddaa sii saganna
Harka keenya rukunnee ililleedhaan si faarfanna

Teessoo Waaqaa dhiiftee biyya lafaa dhuftee
Jaalala Abbaa keetiis nu gidduutti raawwatte
Galata galata galata si galchina
Macci waaqaa fi lafaa irraa maqaa kee faarfanna

Yesus Mootii Nagaa…

Diinnii keenya seexanni kooluu nu galfatee
Badii bara baraa fi gubiif nu keewwate
Babbannee kan turre abdii kan kutanne
Yesus luba nu baafte nu gidduutti dhalattee

Yesus Mootii Nagaa…

Ulfinnii fi guddinni galanni siif ta’a
Mootee kan jiraattu Alfaa Omeegaa dha
Nus kunoo ijoolleen kee fayyinee burraaqna
Kan kanaan nu geesseef galata galata

Yesus Mootii Nagaa…

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *