Yesus (4x)
Maal maqaa gaariin akkasii?
Lubbu ni fayyisa foonisi
Maqaan Isaa ni jedhama Yesus (2x)

Furiin warra boojia’amanii
Dhiphuu fi gidiraatti kan jirani
Da’oo fi iddoo boqonnaa isaanii
Ta’eera maqaan YESUS kuni

Yesus…

Aduu gubee xaph godhu keessatti
Da’oodhaa fi gaaddisa namaa ti
Isa diinni itti bobba’eef
Maqaan YESUS masaraa ta’eef

Yesus…

Biyya fagoo lafa baay’ee darbee
Iddoo itti ergame takkaadhaan ga’ee
Humna waaqummaa isaa ni mul’isa
Dhimma itti ergame fiixaan baasa

Yesus…

Maqaa gaari dinqii ba’eessa
Kan waammatan hundaa ni fayyisa
Badii fi gidiraa guddaa keessaa
Mo’ichaan isaan ni dabarsa

Yesus…

Dhaabata nama dadhabaa ti
Dhukubsataa fi gargaaraa isaa ti
Qorichi qoricha hundaa caalu
Kan akka Maqaa YESUS hin jiru

Yesus…

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *