Amantii Kumarraa – Worship Songs https://www.oromo.church Sun, 03 Oct 2021 17:23:02 +0000 en hourly 1 https://wordpress.org/?v=6.8.1 https://www.oromo.church/wp-content/uploads/2020/04/cropped-OROEC-Logo-1-32x32.jpg Amantii Kumarraa – Worship Songs https://www.oromo.church 32 32 199837651 An garuu waa’ee kee https://www.oromo.church/reggae-category/an-garuu-waaee-kee/ https://www.oromo.church/reggae-category/an-garuu-waaee-kee/#respond Sun, 03 Oct 2021 17:19:32 +0000 http://box5389.temp.domains/~oromochu/?p=635 Ani garuu waa’ee kee waanan jedhu baayyeen qaba
Kan garaa si ciibsu jechan dhabaa
Isa kam dubbadheen isa kamin immoo dhisaa
Gooftaakoo gatii kee maaltu baasa
Araarri kee utuu na dhibu jaalalli kee na ajaa’iba
Eegumsa kee yommuttiin yaaduu gaarummaan kee narra darba
Waa’ee dubbadhee himee odeessesoo garaa nan ga’uu
Yoon akkamitti si jajadhe gatiin kee kan narraa ba’u

Gadan jedhaa ol ol jedhi
Bara koo irratti ati beekamii
Siif bitamuun hawwii kooti
Mootii ta’i ana irratti

Dhoksaa garaa koot yeroo hunda kan itti himadhu
Si malee eenyuunan beeka furmaata kan irraa argadhu
Naaf taateett hunduma maalan fedharee kan biraa
Eenyutti si fakkeessu anoo siif jecha dhabeera

Gadan jedhaa ol ol jedhi
Bara koo irratti ati beekamii
Siif bitamuun hawwii kooti
Mootii ta’i ana irratti

]]>
https://www.oromo.church/reggae-category/an-garuu-waaee-kee/feed/ 0 635