Erga ati jiraatte kaarorakoo keessa
Maaliree sodaankoo
Ija kootu si argee utuu ati dhabattuu
Iddo dadhabbiikoo

Simanna gaarii angafa marii
Qabata namaa hin qabu harkisaa ittiin as dhufe
Cal jedhee darbuu hin danda’u situ na kaasee lafan kufee

Jecha ati jette gaafasii isa amanamaa miiltoo koo
Hin shakkuu anoo siin dabaladhe galmaa naan ga’aa kaayyookoo
Anoo yaaliin qabus fixee dhaabbachuudhaf tuqaa kaa’eeraa
Nama dhuunfaatti hin hirkannee ani sit na jalqasiise karaa

Shaakala ani hidhannaa hin qabnee faallaa hakeeka koo duraa
Kan sagantaa koo geeddare sagaleetu dhufeem si biraa
Kufaa seenaa koo dhaabate jabaadha jaalalan sif qabuu
Qajeelfama kee nan dhufee daandiinkee mudaa hin qabu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *