Akka leenca dhalaa hirkadheetan ciisaa
Jireenyikoo kansaa maaltu na birrachiisaa
Irriba nagaan rafaa nagana koo irraa haafaa
Yesuus qabiyyee dhunfaa (x4)

Ol ilaalee gad ilaalee (gargaarsaaf lafa wallaalee x2)
Nama akka koo irra ijakoo keewadheetan joonja’ee
Mataan koo na naanna’ee seenaa Yesuus dhaga’ee
Yeroon dhufe gara isaa ba’aa koo sassaabadhee
Nagaa fi gammachuu nan argadhee, nan argadhee

(Harka Yesuus jalattan of galchee haa kirkiru dacheen
Oboonbollettin jabaan yoo ka’ee urjiin gad harcha’e) x2

(Kan naaf eegatu kan na too’atu
Harki Waaqakoo narraa hin fagaatu) x2

(Harki Waaqakoo narraa hin fagaatu) x2
(Ijji Waaqakoo narraa hin fagaatu) x2

Yaa’ii, yaa’ii yaa’ii Yoordaanos galaana guddaa nanaa
Gargar hiramuun kee hin oolu gidduu kanaa
(Ofumaa natti foogaltaa) 3x

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *