Jalqabni seenaa koo si’i gaariin hojii koo
Seenaa bareedaa hin qabu beeka Waaqayyoo koo
Dadhabaan hojjechuu jaal’ateetta ati
Yaadni kee fagoo fagoodha kan namaattii/2x

Hojii gaarii hin qabuu yookiis seenaa biraa
Dadhabduudha Gooftaa foon uffadheen jira
Ija namaa guutuu kan na dandeessisuu
Si malee eenyuree kan na jajjabeessu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *