Sin jaalladha gooftaa an onneekoo guutuu
Laphee koo keessatti ammakee hoomtuu gituu
Siifan iyyaa mootii koo dafqaakoo lolaasee
Hundee uumamakoo sit lafaa na kaasee
Hin quufuum si faarsee

Gaarumma kee argeeraa abbaa naaf ta’uukee
Na tiksee na fideera uleen gargaarsa kee
Utuu bineensi baayyeen naannoo kootii dhaadatuu
Hundumaa na baraartee gooftaa saa galatuu yesus saa galatuu.

Jaalalakeen lakkaa’a ol ka’ee gadhiisee
Abbaakoo naaf ta’uu keetu na ajaa’ibsiisee
Nama si’a baayyeedha carraan du’aa tuftee
Teessifteetta samiirraa mirgaakee itti buttee
Sin faarsa bututee

Kan xinnaaf guddan sif raagee maal ta’aa yoon sif dalagee
Hundumaa dhandhamee ilaalee sittan hafee sigu naaf caalee.

Hoo hin darbee barri itti mataa buufnee
Hoo hin darbee barri namaf gugguufnee
Hoo hin darbee funaansi qarmii gandaa
Hoo hin darbee nyaachuun irbaata gaddaa

Hin farsinagaa nu maal nuffinaa
Baran dhufuu baraan ulfinaa
Nurraa ifee urgiin bakkalchaa
Ilmaa waaqatiif galata galchaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *