Eenyummaakoo beekta si dhoksuu hin danda’u dadhabbiikoo
Dhaabachuu dadhabee yeroo hundaa mucucaate qalbiinkoo
Anaan kan na qabu cimsee kan na dhaabu situ beekaa
Eessan dhaqa Gooftaa hamma ati na yaadattuttan si eegaa

Biyya Kana’aniin kan abdachiifame achi ilaalee
Museen waan guungumeef karaatti hafe malee itti hin galle
Guungummiin garaakoo si duraa hin dhokatuu ni argitaa
Maaloo yaa Yesuuskoo anoo dadhabduudhaa maaf na dhiiftaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *