Guyyoota raakkoo narra dabarse
Haamaa dina koo goftaan raraase
Na balleesudhaf inni aburate
Anan na nyachuuf afan banate
(Hamummatu iyyu
Anaan na hin nyaatuu ) 2x

Seexxani kiyyo xaaxu na nyaachuf boolla qootuu nan argatuu
Seexxani kiyyo xaaxu na awwaaluf boolla qootuu nan argatuu

Anoo kooluu galeera anoo 2x
Yoo na barbaade na hin argatu
Yoo darbate immo na hin ruukutu
Inni itti hirkadhe goftaa jabaa
Seexxani yaale ofii dadhaba 3x

Gaaddisa koo 4x
Isaa jalaatan dheense yaandoo jabaa
Eguumsisaa anaaf aja’iiba
Nan beeka namni isaa hin gatamuu
Ani hin miidhamu isaa harkati
Ani hin miidhamu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *