Dinni koo nan qolannee Ahaa
Haaloosaas natti hin baanee
Ofumaan yaabe bu’aa Ahaa
Yoom na buufate bowwaa

Utuunni na bukkee daaddisuu
Na nyaachuuf utuunni bookkisuu
Gooftaadhan harkaa ba’een dhufee
Diinotaan nyaatamuunkoo hin hafe
Irraa hafee

Irraan hafee x4
Galatasaa an nan faarsa itti fufee.

Riqichii yaabadhee nan hin cabnee
Milkiin koo ganamaa natti hin badnee
Mul’ataakoo jaamsuuf kan abbalee
Qaana’eera bitaa isatti galee
Irraan hafee

Silaa yoona hin jiru an nama ta’ee
Gooftaakoo qabadheen lafaa ka’ee
Isaan naa barbadee waan miijaa’a
Maafan deddeebi’aa afaan duwwaa

Irraan hafee x4
Galatasaa an nan faarsa itti fufee.

Na fuudhee hin darbinee huursaan lolaa
Gooftaan koo naaf kennee tooftaaf malaa
Kan dhiibee dadhabe gateettin koo
Sit kuffiisee darbee dandeettii koo
Irraan hafee

Inni na wajjin ta’ee naaf dhaabbatee
Gooftaakoo utuu si ta’uu baatee
Masaraa koo cabsee natti ol galee
Natti dibuuf ture diinni cilee
Irraan hafee

Irraan hafee x4
Galatasaa an nan faarsa itti fufee.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *