Utuu ati hin jiree
Silaa badeera seenaan koo
Sitoo nan buufnee narraa hin fagaannee
Ulfaadhu Gooftaa Yesuus koo
Dhoksaa garaa koo eenyu iyyuu hin beekuum si’irraa
Kanaaf sin faarsa maqaakeen jajaa
Si kan naaf caale hundarraa

Takkaa hin jaallannee ati gad qabamuunkoo
Bakkeetti hin baafnee hin muldhanee mudaankoo
Jaalallee dhugaa haalaan kan nama hin buufnee
hedduu naaf gootee kan hin irraanffannee

Safuudha kankee kan jibbamaa simattuu
hayyuu teessiftee wallaalaan dubbattuu
situ jennaan malee eenyutu iddoo naaf laatee
haa eebbifamu barrunkee inni na baate

Gooftaa, Gooftaa
Si arggee gaarii,
Gad jedheera gaarrii
Naaf ta’eera barrii

Halleeluyya/x8

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *