Urgooftu gaarii cabseen urgeessa
Gaaratti ol ba’ee aarsaa dhi’eessa
Dhalootaaf ambaa abdiin odeessa
Na yaadateera Gooftaan mucaa isaa
Galata yaa’ee hin dhumnetu mana koo jira
Tutuqee ana dammaqsee faarsi anaan jedha
Maali attamiin callisa ka’een leellisa
Utaalee buburraaqee maqaa isaa eebbisa

Gaalanni koo foolii tolee simatamee ha naana’u teessoo Mooti
Illilleen koo foolii tolee simatamee ha naana’u teessoo Mooti
Ulfinni koo foolii tolee simatamee ha naana’u teessoo Mooti
Shubbisuunkoo koo foolii tolee simatamee ha naana’u teessoo Mooti

An baasee hin fixuu gatii gochaasaa
Narratti baayyate kan isaa olmaan isaa
Ani kana hin jedhu sanas hin jedhu
Gatiin Waaqayyoo galata ammayyuu

https://youtu.be/vxRuUfpKx-I

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *