Madda aaragalfii
gaaddiisa boqonnaa
Sitti hirkadhee ani
argadhe boqonnaa ×2

Harki kee inni oo’aan guutuu
naaf ta’eera boqodheera
Naan jettee hin beeku sin nuffee
Si irratti aaragalfadheera
Sin shakkuu maal ta’innaa jedhee
Rawwaadhee sitti of gateera
Kaleessaa inni dabarsitee
boris qoodi koo si bira

Ayii Guyyaa gaafa rakkoo
eenyuree eenyuu namaaf oowwaata
Taa’ee lolaase imimaani
wawwaadheen dhabe birmata
Gaaddisa naan taane firrii
Firri illee garaa jabaata
Garuu yommuun ilaalu siinii
Fuullikees abdii dubbataa

Dadhabee yommuun gatantare
Nan buufne na qoollifattee
Furgiggiiftee nan darbanne
Gooftaa koo garaa naaf ho’ite
Na booji’e amaalli kee
Olmaan kee qalbii koo butee
Kan biraa hin qabu waan jechaa
Ati garuu baga na moote

Lafti hundeensaa sosocho’ee
Tulluunis yennaa roqomee
Kana boodde hin na’u raafamee
Wal guure yennaa dhidhimee
Faarsaa kooni si gungumachaa
Nan deemaa gara mo’iichaa
Erga ati gara koo taate
Maafan deema si komachaa

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *