Isa kamtu anatti hir’ata waaqa koof yoon sagadeefi
Maalfaatu anatti hir’ataa ulfina koo yoon gateefi
Inn iyyuu natti hin saalfanne in baate anaaf ba’aa koo/qaanii koo
Hojiin koo ol ol qabuudha maqaa gooftaa Yesuus koo/2x

Eessaa ana fuudhee eessa akka na ka’ee nan beeka
Guyyaa gaafa rakkoo abdii isa godheetan beeka
Iddoo firri hin geenye kophaa isaa naa ga’eetii/
Gaarummaa koon miti soonaan na jaal’ateeti /2x

Si wajjiniin ta’uun jireenya argadheera
Yaaddoo tokko malee kunoo har’a as ga’eera
Kan booddees egaa si duwwaafan jiraadhaa/
Fayyisaa ta’uu kee saba hundaattan dubbadha/2x

Isa kamii ka’een eebba gooftaa koo odeessa
Sammuu kootiin oli kan inni naa godhe gochaan isaa
Inni ol ol ha jedhu ani gad gadin jedhaafii/
Bara koo hundumaa ulfinan isaa kennaafi/2x

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *